Site Name

subglobal1 link | subglobal1 link | subglobal1 link | subglobal1 link | subglobal1 link | subglobal1 link | subglobal1 link
subglobal2 link | subglobal2 link | subglobal2 link | subglobal2 link | subglobal2 link | subglobal2 link | subglobal2 link
subglobal3 link | subglobal3 link | subglobal3 link | subglobal3 link | subglobal3 link | subglobal3 link | subglobal3 link
subglobal4 link | subglobal4 link | subglobal4 link | subglobal4 link | subglobal4 link | subglobal4 link | subglobal4 link
subglobal5 link | subglobal5 link | subglobal5 link | subglobal5 link | subglobal5 link | subglobal5 link | subglobal5 link
subglobal6 link | subglobal6 link | subglobal6 link | subglobal6 link | subglobal6 link | subglobal6 link | subglobal6 link
subglobal7 link | subglobal7 link | subglobal7 link | subglobal7 link | subglobal7 link | subglobal7 link | subglobal7 link
subglobal8 link | subglobal8 link | subglobal8 link | subglobal8 link | subglobal8 link | subglobal8 link | subglobal8 link

small logo
Oduu

OROMUMMAA WALIIN QABNA!

Kabajamtoota ilaam Oromoo, nagaan kabaja Oromummaa bakka jirtanitti isin haaga’u. Barri haarayaa itti adeemnu kun bara ilmaan Oromoo waliif galanii alaa galan, bara wal gorfatanii tokkoomaan, bara dogoggora darbeef dhiifama waliif godhan, bara xiqqaa fi guddaan walii abboomaman, bara diinumman afee obbolummaan itti dagaagu, bara safuun ulfinni Oromummaa itti kabajamu, bara gammachuu bara jaalaa, bara nageenyaa, bara tokkummaa, bara bilisummaa isinnif haata’u!

Kabajamtoota ilmaan Oromoo kutaalee garaagaraa keessatti dhalachuun, Ilaalcha siyaasaa garaagaraa qabaachuun, Amantii adda addaattii buluun fafa hin qabu, mirga dhuunfaati. Garuu moo dhiiga ittiin ganama umamne Oromummaa waliin qabnu waliin jabeefachuun mirga qofaa otoo hin ta’iin dirqama keenya. Kanaafuu kutaa kamittuu haa dhalannuu, Jaarmiyaa Siyaasaa Qabsoo Bilisummaa Oromoo adda addaa kamillee haadeeggarru, Amantii kamittillee haa bulluu tokkummaa Oromummaan waliin qabnu cimsuuf qophii haa taanu! tattaaffii haa goonu!

Oromummaa Foundation kaayyoo calqabe baldhinaan ummataan ga’uuf Koree Qindeesituu WTUOGA-Ntherlands waliin ta’uudhaan sagantaa addaa qopheessee jira. Sagantaan kun bara harayaa 2010 itti seennu ilaalcha haarayaan, sammuu obbolummaa Oromummaa tiin waliin akka simanuuf, wal hubannoon ilmaan Oromoo jidduutti akka dagaagutti yaadamee sagantaa qophaa’ee dha.

Sagantaan kun akkuma adaa Oromoot Maanguddootinni tarree galanii margaa jiidhaa qabatanii eebbaan banu. ibsa gabaabaa fi mariin booda sagantaa bashannanaatu itti fufa. Dhumarrattis eebba Maanguddoo tiin xumurama.

SAGANTAA BASHANNANAA

Sagantaa kana midhagsanii milkeessuuf Artistoota Oromoo bebeekkamoo ta’an, Gazexeesitoota, Walaleesitoota, Abbaa qoosaa/Comedian qooda fudhatu.

Artistoota:

1. Hangaatuu Baalchaa

2. Mahaaddii Sheekaa

3. Habtaamuu Ayeta Dabalee

4. Bakkaangahaa Margaa

Waggaa lamaan darbe, Mudde 23 bara 2007 yeroo sabboontotinni Gazexeesitoota oromoo arfan Dammaqaa Nagaasaa, Lamlam Faantaa, Mohaammad Ahmad, Dassuu Duulaa akkasumas barataa “uniiversiitii” finfinnee kan ture Garasuu Tufaa yeroo biyya Eritira’aa gara biyya Netherlands dhufan jiraatotinni Oromoo Netherlands ilaalcha siyaasaan, kutaan, amnatiin otoo wal-hin qoodiin Jaallan kanaaf simannaa addaa gochuun isaanii ni yaadatama. Ammammoo “tokkummaan oromummaa wanta hunda caala, dhaabbannee isin keessummeesina” jechuu dhaan obbolaawwan keenya kun sagantaa qophaa’ee kana’rratti dabaree isaanii Uummata simachuun ogummaa qabaniin waltajjii kana sagantaa seena qabeessa ta’e taasisuuf qophaanii sin eegaa jiru.

“Dhaamsa kiyya addaan hin kutu, yoo qalbeefattan walaloon kiyya lafa hin buutu!” jedhu addee Makkiyaa Abdullah /Binta Dirree

Kolfaan gammaduun akka nyaachaa fi dhugaati nama gabbisa, an qoosuu hin dadhabu isin kolfuu hin dadhabiina!”jedha Raayyaa Abbaaduraa/Lateo Arrrrrrrrrrrrrrrr

“Harmeen kiyya Weelluu dhaan isin gammachiifti ani moo walaloon hiriyoota koo Daa’imman Oromoo dadammaqassa, dhaamsa nama guddaa isiinif dabarsa!” Jedha mucaan waggaa 11 Roobinus Shimallis.

Calqabaa sagantaa hanga dhumaatti isin keessuummeesuuf sabboontoota kabajaan isin eegaa jiran:

1. Raayyaa Abbaaduraa

2. Shimallis Shaanqoo

3. Aliimaa Usmaan

4. Sannayiti Galataa

5. Ambassee Sambataa

6. Hussein Mahaammad

7. Midhaqissaa Baalchaa

Sagantaan kun bakkee da’imman Oromoo itti wal-arganii, waliin gammadan, Lakk. bilbilaa, e.meela wal-jijjirrattani enyummaa obbulummaa Oromummaa isaan kan ittiin jabeefatanii dha. Kaffaltiin galma ittiin seenamu EU.20.00, namoota kaampii baqataa keessa jiraatani “documentii”bakkee jireenya isaanii mirkaneessu agrsiisanii EU 10.00 qofaa kaffalanii galma seenu. Ijoolleen waggaa 18 gadii hanga umurii 15 waraqaa eenyummaa/umurii isaan mirkaneessu agarsiisanii kaffaltii malee bilisaan galma seenu. Sagantaan bashananaa kun karaa sarara “paltalk” Waldaa Tokkummaa Uummata Oromoo Guutuu Addunyaa tiin suduudaan qilleensa’rra oola.

Guyyaa, sa’a fi bakkee sagantaan itti gaggeeffamu:- Amajjii 09 bara 2010, sa’a 12.00_21.00, Straat Weltevreden 4 postcode: 3731 AL De Bilt Netherlands.

Akkaataan ittiin dhuftan Utercht centerl train station’rraa Bus lakk. 77 kan gara Magaalaa Bilthoven deemu qabadhaa. Bakkee Groenekanseweg/ Alfred Nobellaan jedhamutti Bus’rraa bu’aa. Karuma Busa’rraa buutaniin fuula duratti xiqquma yeroo deemtan ibsaa tiraafikaa ceetanii harka mirgaatti daandii qaldhoo “biskileetaa” ‘rra miilaan bakkee/mana Weltevreden lakk.4 ga’uuf minute 8 qofaa deemtu. Yoo train stationa Magaalaa Biltihoven’rraa kaatanis garaagarina hin qabu, bifuma armaan olitti caqafameen deemama.

Wuxineessaan Sagantaa kanaa, Bakkaangahaa Margaa Bu’uuressaa Oromummaa Foundation fi WTUOGA Lakk.bil. 0031624548926

Haala kaayyoo Oromummaa Foundation fi WTUOGA gabaabumatti quba isin qabsiisuuf:- Oromummaa Foundation Mirgaa fi Gargaarsa Namoomaa garaagaraa raawwachuuf akkasumas Dagaagina Aadaa fi Hawaasummaa Uummta Oromoo’rratti kan fuulleefateedha, keessattuu Baqatoota Oromoo, Hidhamtoota Siyaasaa, Daa’imman maatii hin qabne gargaaruuf Dhaabbata Namoomaa seeraan hundeefamee dha.

Tokkummaa Oromoo cimsuun fedhii ilmaan Oromoo maraati. Kanaafuu fedhii Tokkoominaa Uummata Oromoo galmaan ga’uuf “Oromummaa Foundation” ijaarsa Waldaa Tokkummaa Uummata Oromoo Guutuu Addunyaa (WTUOGA) gaggeessaa jira. Ijaarsi kun biyya alaa fi biyya keesatti ilmaan Oromoo maraa kan hammatuudha. (Namootaa diinaaf meeshaa ta’anii hojjachaa jiraniin alati ilmaan Oromoo martinuu WTUOGA keessatti qooda fudhachuu ni dandayu).

Jiraatota Oromoo biyya Netherlandi fi biyyoota ollaa kanneen dhaamsi kun hin qaqqabne akka qaqqabsiiftan kabajaa Oromummaan isin gaafanna.

Waa Bayeessa haa Hojjannu! www.oromummaa.com

Oromummaa Foundation fi

Koree Qindeesituu ijaarsa WTUOGA-Netherlands


Opinions published on News and Views section of this site are those of the authors and not necessarily that of OLF.

Copyright ©2005 ABO/OLF All Rights Reserved | Email Webmaster olfinfodesk@earthlink.net